Garuu inni yéroo san ijoollee wáan taheef seenaawwan gárii, oduu durii, shéekkoo fi kan kána fakkataan hanga tókko malee wanti ábbaan isaani itti himán hin galuuf turé.Kottee fi háfuura namaa kan dhárraaa turteefiis dharraa báhaa waan jirtu fákkaatti.Mukkeen magariisni móoraa keessatti argaman humná qilleensaatiin bitaa mirgáa yoo raafaman, mádigummaa irraa báhani michuu baayyee árgachuu isaanitti gammadanii shaggooyyée shanii galanii, wáan barattoota simachaa jirán qofa osoon taané barattoota Harargee kán shaggooyyeef haaréya hin tahin báshannansiisaa, kan godinoota biráa irraa dhufan ammó aadaa harargee wáan barsiisaa jiran fákkaatu.
Gaaddisa isaa qábbanaawaa marga caffeetiin afamée jiru sanitti cáayaa isaa balifate qiIleensa dada harganaa iImaan oromoo keessummessaa, waIiis barsiisaa jira. Barattootni kaaba, kibbá, bahaa, dhiha 0romiyaa irraa dhufan gáaddisa isaa jalatti waI gahanii yoo waIiin haasawaa tattaan abbóottii gadaa odaa jaIatti baallii wal hárkaa fuudha jiran fákkaatu. Inumaatu odaa quxisuu seena qabeessaa, ummata oromoo biratti kabajaa guddaa qabu, godinuma lixa harargee keessatti argamu fi kiloometira muraasa magaalaa Ciroo irraa fagaatu Odaa Bultum kan nama yaadachisuu dha. Barattootni hundi kaIlattii garagaraatii haa dhufán malee ilmaan ábbaa tokkooti. Hundi isaanii áfaan oromootiin haasawuun isáanii salphatti akka waIii galan taasisuu qófa osoon taane, guyyumá tokkoo fi Iamatti walitti dhihéenyaa fi walii gaItee isaani kan turé fakkeessee jira. Jae kan haaIa kana mara haIaala dhaabbatee taajjabaa turé Barsiisaa Gammachuu Dáadhii. Seenaa abbaa isáanii irraa gaafa dáaimummaa isaa dhagayaa turée san yaadatee. Manguddoonni, hayyoonni, góotoonni oromoo osoo hángana illee calaqisa ifá jijjiirama hin árgin akkuma hawwaniin gáraa dachee galan yéruma tokko deebiani haganumaiIlee osoo arganii gámmachuun isaani hagam táha laata Jaee, ifumáaf if gaafate, ákkuma mukatti irkatee dháabbachaa jirutti. Lakkii lakkii jattéen sammuun isaa gám tokkeen yaada mórmii fiddee. Yoona isaan biIisoomnee jirra sehu. Nuti garuu. sámmuun yaada mormii ánaannattu yoo iilkaa tarréessuu jalqabdu, Eeyyee dhugáa Amaanaa abbóotiin nutti kénnan nuti lafatti gannée hanga arraa irrée alagaa jalatti gád qabamnee jiraachuu kéenya yoo beekan baayyée nutti gaddu. Harka maratee muká bahar-gamoo tókkotti irkatee dhaabbatee haaIa mooraa keessaa cufá qalbiin hordofaa turé. Osuma yaada mormii sammuu isaa keessaa wal falmu jala deemuu dubbiin if duuba deebifte. Tasa yaadaan sokkée mooraa keessaa bahée fagate qeee wárra isaaniitti gale. Geeyrarsa abbaan isáani obbo Daadhiin gánama ganama geeyraran yaadaté. Ganama barii kaée gaabii isaa hóomacha fakkaattu san uffatée mooraa keessa bárcuma irra taanii wáytii geeyraru nama dhágahuuf manguddoo waggaa saddéettamaa osoon taane qéerroo ganna soddomaa fákkaatu. Sagaleen isaanii yéroo kaan haasawu dadhabdée hollattu yeroo géeyraranii fi seenaa isáanii haasawan humna áddaa godhatti. Akka sagalee Ieencaatti bookkifti, akka qótiyyoo quufeetti barooddi. Yoo abbaan isáanii akkanatti geeyraru Gámmachuun dhageeffachuu jaalata. Garuu maaliif ákka geeyraru beekuullee báatu akkaataan abbaan isáanii itti géeyraran kun qalbii isáa hatee dhageeffata turé. Jae, akkuma yéroo biraa yaadaan gáddaa garaa kéessatti if komachaa, Gámmachuun Osoon jalaa barréessee amma maal ákka tahe sirrittiin hubádha ture. Abbaa isaanii kán waggaa dheera durá duan deebisee jiraachisée, jechoota mimmiaawóo fi sagalee miidhágduu suura qabeessa sániin yoo waan baayyée seeneessuuf ija qaIbiitiin fagotti laalee, ákka waan ammatti gurrá dhaabee yaadaan dhagéeffata. Osoo hanga háraa jiraatanii maal qába jaee gaafii déebiin qabne if gáafata.
0 Comments
Leave a Reply. |
Details
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |